Ibsa Aqiidatul-Waasixiyyaa 3.0 Icon

Ibsa Aqiidatul-Waasixiyyaa

Ethiomapps Books & Reference
4.4
0 Ratings
11K+
Downloads
3.0
version
Nov 29, 2022
release date
3.5 MB
file size
Free
Download

About Ibsa Aqiidatul-Waasixiyyaa Android App

Hunda dura faaruun tan Rabbii guddaati, kitaaba kana akkan qopheesu kan itti na kaasee naaf laaffise. Xiqqeenya beekkumsa kiyyaatii wajjiin Kitaaba Aaqiidatul-waasixiyyaa kana Afaan Oromootti akkan hiiku wanni itti na kaase, duula Aaqiidaa Islaamaa balleessuu, kan tuutti Ahbaasha ja’amtu biyya teenyatti yeroo ammaa itti jirtu kanaaf akka ummanni keenya damaqu fedheeti. aqiidaa Islaamaa tan dhugaa akka baratanii ifiirraa dura dhaabbattan yaadeti, hanga dandeetti kiyyatti, warri beekkumsa qaban hedduun na dura hojjii gurguddoo hojjataa jiran ammooo gama kitaaba Afaan keenyatti ummataaf jijjiiruu kanaan, Sheek Muhammad Rashaad fi nama muraasa malee hin agarre. Duuba anis kitaaba xiqqaa faayidaa guddaa qabu kana Rabbiin gargaarsifadhee, hiikkaa fi ibsa Isaa Afaan Oromootiin barreessuuf tattaafi godheetin jira, akka namni Afaan kana dubbisuu danda’u irraa fayyadamee namoota biroo fayyaduuf. Dubbiin akkuma Sheek Mikaa’iil Husseen manzuumaa isaa keessatti ja’e: Gama yaada kooti hogguun dabaruu Rakkoo diin Islaam dadhabe sabaruu Na dursees nama hedduu yaale garuu Anis waa Isaanirra hin caalu garuu Tanaafiin barbaadee Isaan gargaaruu Guddatus mukni tokko manan jaaruu
Fedhiin too Muslimtoon haa if baruu… Rabbiin kitaaba kanarraa warra fayyadamu nu haa godhu, akkuma Afaan Arabaatiin irra fayyadamanitti.
Kitaaba kana yeroon qopheesu warra yaadaan na cinaa dhaabbattan hunda galatoomfachuu fedha, keessaa ammo akka addatti sheeka kiyya sheek Muhammad Waadoo, obbollessa kiyya Muhammad Ahmad (looshee) qabeenyaa fi yaadaan kan na bira dhaabbataa ture, akkasumas kitaaba kana laalanii yaada bareedaa kan naaf kennan, sheek MuhammadKamaal Iisaa (Ifaa Diina Islaamaa) fi Sheek Abdurahman Shariif Ali (Abuu Sumayyaa), bilbilaan gaafii tiyya naaf deebisaa kan turan Sheek MuhamadSaanii (jawwaabaa) fi Sheek Zabuur dhumarratti haadha mana kiyyaa Ni’moo Abdii tan jaalalaa fi yaada bareedaa naaf gumaachaa turte, hunda keessan Rabbiin galata keessan jannata haa godhu. Dhumarratti wanniin ja’u hiikkaa kitaaba kanaa keessatti Afaan Oromoo kaniin beekun barreesse, Akkuma Afaan biroo keessatti loqodni adda addaa jiru, Oromiffaanis loqoda adda addaa qaba, kuni guddina Afaan sanii agarsiisa malee xiqqeenyaa miti.
Ammas ani hiikkaan kitaaba kanaa dogongorra irraa qulqulli yaada ja’u hin qabu, kanaaf namni dogongora arge, yoo sirreesee na beeksise nin galatoomfadha.
Namni kitaaba kana dubbiftan akka araaramaa fi Rahmata Rabbii naaf kadhatan isin gaafadha.
Rabbiin warra haqaaf tumsu nu haa godhu.
Nagaya fi Faaruun Ergamaa isaa Muhammad irratti haa jiraatu.
Jaafar Bayaan
Walumaa galattii kitabichii wa'ee Maqaa fi Sifaa Rabii ilaalchisee Quraanaa fi Hadiisaan qofaa deebii gahaa nuuf kan laatu dha. Rabbiin waan dubbisneen ittii fayyadamaa nuu haa godhu.

Other Information:

Requires Android:
Android 4.0.3+ (Ice Cream Sandwich MR1, API 15)
Other Sources:

Download

This release of Ibsa Aqiidatul Android App available in 2 variants. Please select the variant to download. Please read our FAQ to find out which variant is suitable for your Android device based on Screen DPI and Processor Architecture.

Variant
3
(Nov 29, 2022)
Architecture
Unlimited
Minimum OS
Android 4.0.3+ (Ice Cream Sandwich MR1, API 15)
Screen DPI
nodpi (all screens)
Variant
3
(Sep 01, 2021)
Architecture
Unlimited
Minimum OS
Android 4.0.3+ (Ice Cream Sandwich MR1, API 15)
Screen DPI
nodpi (all screens)

All Versions

If you are looking to download other versions of Ibsa Aqiidatul Android App, We have 3 versions in our database. Please select one of them below to download.

Loading..